Intala Rakkoon Marfamte

Gurbaa tokkoofi intala takkatu bultii jaaranii wajji jiraatan. Daa’ima baatii 4 qaban. Inni shofeera makiinaa Euro truckeraati. Yeroo tokko meeshaa fe’ee yoo bahe, hanga baatii 2 ala turuu danda’a. gaafa jaartiin isaa ilmoo dhaltu hojii dhiisee isii wajji dhama’aa ture. Abbaan makiinaa ammoo waan Kanaan hedduu dallane. Sababaa san mallaqa guddaa kasaare. Dallansuu saniin gurbaa kana hojii irraa ari’ee shofeera biroo qaxare. Gurbaan kun ilmoo argachuu isaatiin haalaan gammadus, dalagaa dhabee manatti deebi’uu isaatiif hedduu gaddee cinqame. Saahibban isaa hundatti bilbilatee dalagaa naa barbaadaa jedheen.

Zamana kana keessatti ilmoo guddisuun dubbii laaftuu miti. baasii heddu barbaachisa. yeroo inni mallaqa dhabe kanatti daa’imni haarofni dhufee cinqaa hamtuu keessa isaan galche. Jaartiin isaatis hedduu cinqamte. Ofii baatee dalaguu hin dandeessu. Daa’ima baatii Afurii harkaa qabdi. Inni ammoo dalagaa dhabee manatti deebi’e. kiraa manaa wan baatii lamaa hin kafalle. Abbaan manaa guyyarraa dhufee mallaqa fidaa jedhee gaafata. Yeroma xiqqoo nuuf obsi jedhanii kadhatanii ofirraa deebisan. Boodarra abbaan manaa obsa dhabee ka’aa narraa bahaa jedheen. Miila jalatti kufanii kadhatanis homaa dhagahuu dide. boru ganama mana kana keessatti isin arguu hin qabu jedheen.

Mallaqa dhabanii waan hedduu rakkataniif, haati nyaata gahaa hin argattu. Sababaa kanaaf harmi haadhaatis annan daa’ima quubsu hin mirgu. Daa’imni harma goggogaa xuuxaa oolee waan bu’uuf dhabee iyya. Haati ammoo waan gootu wallaaltee ciistee imimmaan dhangalaasti. Abbaan daa’imaa waan kana argee obsa dhabe. Daa’ima beelawee iyyuufi, jaartii isaa tan mala wallaaltee imimmaan gadi nayxu argee hedduu qalbii cabe. As taa’ee ija tiyyaan waan kana hunda arguu irra, yoo xiqqaate manuma kanaa gad bahee xiqqoo hara galfachuu naaf wayya jedhee ka’ee manaa bahe. Manaa bahuu malee gara deemu hin beeku. Eega haalaan manarraa fagaatee booda, karaa irraa achi maqee gaaddisa tokko jala taa’e.

Qaamaan manarraa fagaatus qalbiin isaa mana jirti. yoona daa’imni kiyya akkam tahe laata? Jaartiin tiyya hoo akkam taate laata? Yaa Rabbii kiyya furmaanni kiyya maali? Mee maatii kiyyaaf akkamuma haa tahu jedhee ofitti haasawa. Osoma inni taa’ee yaada sammuu keessa oofu Azaanni zuhrii azaaname. innis bakka taa’uu ka’ee gara masjiidaa deemee salaate. Zuhrii booda sunnaa raka’aa lamaa itti dabalee eega salaatee booda, sujuuda booda keessatti du’aa’ii jabduu godhe. Yaa Rabbii kiyya, an si malee ilma namaa hin abdadhu. Ilmoo tanas situ naaf kenne. Isiniifi ilmaan keessanis anatu Razaqa jettee ahdii nuuf seentee jirta. Ati akka ilma namaa ahdii hin diiydu. Yaa Rabbi na dhaqqabi. Rakkoo tana keessaa na baasi” jedhee onneerraa du’aa’ii godhe. Salaata isaa xumuree ka’ee masjiidaa bahe. Eega ganamaatii faxara hin nyaanne. Saa’aan laaqanaatis dabree jira. hedduu beelawee cinqame. “Eega an akkanatti beelawe, daa’imni kiyya hoo akkam taha laata? Yaa Rabbi furmaataan na dhaqqabi” jedhe.

Saahibni isaa tokko hulaa masjiidaa duraa suuqii qaba. Wayta masjiidarraa bahu suuqii saahiba isaa achi laalee arginaan, “Saahiba kiyya kanarraa mallaqa xiqqoo liqeeffadhuu laata?” jedhee of gaafate. Yoo na dhoorgates na haa dhoorgatu. Maatii kiyyaaf jecha waan barbaachisu hunda nin godha jedhee suuqii saahiba isaa ol seene. Yoo inni ol seenu Saahibdichi isaa “Allaahu akbar, Allaahu akbar” jedhee lafaa ol ka’e. eega ganamaatii telefoona kee irratti bilbilaa ture. Garuu telefoonni kee naaf dalaguu dide. akkamitti dhufte har’a. eega suuqii tiyya dhufuu dhiistee turtee bar” jedheen abbaan suuqii. Gurbaan ni rifate. “Har’a haajaa akkamiitiif natti haajamte. Amma dura naaf bilbiltee hin beeytee bar” jedheen. Abdurrahiimtu shofeera akka keetii hojii ariifachiisaaf barbaadutti jira. meeshaa sa’aa kanatti deemuu qabutu jira. yoo meeshaan kun har’a asii bahuu baate mallaqa guddaa kasaaruuf deema. kanaaf fardaa lafoon si barbaadutti jirra jedheen. Gurbaan hojii dhabe kun akka malee gammade. Du’aa’iin tiyya qeebalamuuf deemti natti fakkaata jedhee qalbii of gammachiise. “Shofeerri isaa maal tahe?” jedhee gaafannaan, “Shofeerri isaa eda galgala hidhame. Maaliif akka hidhanis hin beeyne. Abdurrahiim hidhaarraa hiiksisuuf hedduu yaalii godhee dadhabe” jedheen.

 

Osoma isaan wajji haasayutti jiran Abdurrahiim ol seene. “Shofeerri ati barbaaddu kunooti Abdurrahiimoo, osoo goda meeqa seenne barbaannu ofumaa dhufe” jedheen. Abdurrahiim hedduu gammade. “Yaa oobboleessa kiyya na dhaqqabi. Mindaa baatii tokkoo dursee amma harkatti siif kafala. Gaafa meeshaa kana geessitee deebitus mindaa baatii tokkoo siif dabala. Yoo hagasitti shofeerri kiyya hiikame, yoo ati fedhii qabaatte siif dalagaa biroo siif kenna. Yoo shofeerri kiyya hiikamuu baate ammoo dalagama kana itti fufta” jedheen. Gurbaanis carraa argate gammachuun qeebale. Abdurrahiim mindaa baatii tokkoo achumatti laakkayee itti kenne. “Yoo dandeeyse galgala sa’aa 2 dursii bahi” jedheenii biraa deeme. Gurbaan mallaqa fudhatee fiigichaan gara mana ofii qajeele. Akkuma ol seeneen mallaqa fidee dhufe jaartitti kennee gammachiise. Jaartiin isaatis lafaa ol utaaltee gara suuqii deemtee waan muraasa bittee deebite. Hoggasuma nyaata gootee nyaatanii quufan. Daa’ima isiitis harma hoosistee qubsitee raffiste.

“Mallaqa kanarraa waan kiraa manaa fuudhii namtichatti kenni” jettee jaarsa ofiitti himte. Innis mallaqa fuudhee gara mana namtichaa deeme. Hulaa dhaddhoofnaan abbaan manaa itti gad bahe. “waan sirraa tursiisneef dhiifama. Kunoo mallaqa siif fidee jira” jedhee itti hiixate. Abbaan manaa garuu waan jedherraa if booda hin deebine. Mallaqa irraa fuudhee cinaa fudhatee cinaa itti deebise. “kunoo waan ji’a tokkoo isiniif dhiisee jira. edanuma narraa bahaa. Argaa keessan hin fedhu. Nama biroo kan gatii guddaan kireeffatu argadhee jira” jedheen. Gurbaan hedduu kadhatus namtichi ni dide. achi booda gara mana ofii deebi’ee waan namtichi jedhe hunda jaartii isaatiif hime. “An edana dalagaaf meeshaa fe’ee baha. Kophaa kee daa’ima wajji namticha kana biratti si dhiisee hin deemu. Meeshaa hunda mana obboleettii tiyyaatti guurra. Dallaalaa dubbisee mana akka nuuf barbaadu goona. Edanaaf firaasha kana qofa asitti dhiisna. Galgala kana as bultee boru ganama asirraa godaanta” jedheen. Isiinis carraa biroo waan hin qabneef tole jette.

 

Akkuma jedhan meeshaa hunda mana obboleettii isaatti guuranii firaasha tokko qofa achitti dhiisan. Gurbaanis galgala ka’ee karaa bu’e. halkan naannoo saa’aa 5tti daangaa biyyaatti dhihaatee, jaartii ofiitiif bilbile. “Habiibtii networkii keessaa bahutti jira. in shaa Allaah booda telegram irratti wal argina. Ammaaf networkii hin qabuu nagayatti” jedheen. Yeroo inni bilbiluuf kana daa’imni akka malee booya. “maali daa’imni maal ta’e?” jedheen. “wanti inni ta’e naaf hin galle. Qaamni akka malee oowwa. Harma hodhee yeroma san haqqisa. Garaanis ni baasa. Waan godhu wallaalee wajji dhama’utti jira” jetteen. “maal eeyda ree, ka’ii haakima geessi kaa. Taaksii bilbilii yaamadhuu daddafii deemi” jedheen. Isiinis tole jettee taaksii yaamattee gara hospitaalaa deemte. Jaarsi isiitis imala itti fufe.

Intalti tun hedduu hamilee cabde. Jaarsi isii dalagaa argachuun isii gammachiisus, yeroo rakkinaa kanatti fagaatee biraa deemuu isaatiif hedduu yaaddoyte. Mana haaraya argachuunis ni jabaata. Daa’ima baatii afurii wajji olii gad deemtee mana barbaaduu hin dandeessu. Waan gootu wallaaltee hedduu cinqamte. Obboleettiin jaarsa isii naannoma isaan jiran kana qubatti. Garuu Jaarsi isii hedduus nama hin jaalatu. Kanaaf yeroo hunda irraa fagaatanii jiraatan. Xiqqoo booda daa’imni wal’aansa argatee woyyaawe. Daa’imni woyyoofnaan taaksii keessa seentee gara manaa qajeelte. “Yaa Rabbii kiyya, maaluma diliin tiyya. Maaliif rakkoon wal gubbaan natti deddeebite. Maaliif cinqaa nutti baay’iste jettee of keessatti hoosoyte.

 

Yoo mana bira gahan waan addaa argan. Makiinaa poolisii lamatu mana isaanii bira dhaabbata. Poolisoonnis Waraqaa Barricade itti marsanii qorannoo irra jiran. Manni isaan galan karaa irra jira. makiinaan tokko osoo mana isaanii biraan dabru karaa irraa maqee mana isaanii keessa seenee jira. intalattiin waan kana argitee akkaan rifatte. Qaamni isii akka nama busaan qabee hollata. Waan dubbattu wallaate. Osoo sa’aa san jarri mana san keessa jiraatanii, hundi isaanii ni dhuman. Makiinaan mana caccabsee qaama walakkaan ol seenee walakkaan ala jira. jidaarri manaa diigamee makiinaa gubbatti kufee jira. shofeerri makiinaa keessa ture lubbuun hafuu isaa Rabbumaatu beeka.

Intalattiin daa’ima ofii taaksii keessatti dhiistee, makiinaa keessaa gad buutee Rabbii isiitiif sujuudde. Yaa Rabbi galanni si haa gahu. Ka dhukkuba daa’ima kiyyaa sababaa gootee manaa na baaste. Ati rakkoo nutti deemtu ta nuti quba hin qabne beeyta. Nuti waanuma ijaan arginu qofa beeyna. Tola keetiin kunoo lubbuun hafee as dhaabbachutti jira. daa’imni kiyyas nagaya. Anis nagaya. Jaarsi kiyyas nagaya naaf qaba. Tola keetiin kunoo nuti hundi lubbuun jirra jettee Rabbii isii galatoomfatte.

 

Hojiin Rabbii guddaa hundi sababaa qaba. Yoo qalbiin xiinxallan hundi miidhagina of dandahe qaba. Intalti tun yoo duraa Rabbii isii komataa turte. Abbaa manaatis mallaqa itti kennanii hedduu kadhatan. Rabbiin qalbii isaa jabeeysee akka didu godhe. Jaarsa isitis dalagaa itti banee akka gandarraa fagaatu godhe. Da’ima isaanitti dhukkuba darbee akka manaa bahan dirqamsiise. Haala Kanaan lubbuu isaanii oolche. Meeshaa isaanitis baafatanii jiran.Nutu hin argine malee tolli Rabbii guddaa kallattii hundaan nu marsee jira. tika Rabbii guddaatiin baanee galla. Rahmata isaatiin jiraanna.

 

Dubbii jabduu takka isiniif hima. Xiyyeeffannaan na hordofaa. Ijji ilma namaa digrii 45 qofa argiti. Digriin 315 guutuun nu jalaa dhokatee jira jechuudha. Rabbiin guddaan digrii 360 guutuun nu arga. Gubbaafi jalaan, bitaafi mirgaan, kaabaafi kibbaan, kallaattii hundarraan nu arga. Waan nuti dalaynuu mitii, waan nuti qalbii keessatti yaannu beeka. Waan mudachutti jiruu qofaa miti, waan nu mudatuuf deemus ni beeka. Waan dhabnee sababaa san miidhamutti jirru qofa osoo hin tahin, waan achi booda argatuuf deemnu hunda beeka. beekumsa isaatiin maletti baalli takka hin harcaatu. Beekumsa isaatiin maletti qoreen takka nu hin waraantu. Murtii isaa malee wanti takkallee nu hin tuyxu. Rahmata isaatiin dachii tanarra bobbaana. Tola isaatiin rizqii argannee jiruu nagayaa jiraanna. Dubbii tana laaftutti hin laalinaa.

83 Comments

  1. Hey there this is kinda of off topic but I was wondering if blogs use WYSIWYG editors or if you have to manually code with HTML. I’m starting a blog soon but have no coding knowledge so I wanted to get advice from someone with experience. Any help would be greatly appreciated!

  2. Hey there would you mind stating which blog platform you’re working with? I’m going to start my own blog in the near future but I’m having a tough time selecting between BlogEngine/Wordpress/B2evolution and Drupal. The reason I ask is because your design and style seems different then most blogs and I’m looking for something unique. P.S My apologies for getting off-topic but I had to ask!

  3. Howdy would you mind letting me know which hosting company you’re using? I’ve loaded your blog in 3 different internet browsers and I must say this blog loads a lot quicker then most. Can you recommend a good web hosting provider at a fair price? Thank you, I appreciate it!

  4. Spot on with this write-up, I truly think this website wants way more consideration. I’ll most likely be again to learn far more, thanks for that info.

  5. Great ?V I should certainly pronounce, impressed with your website. I had no trouble navigating through all tabs and related information ended up being truly simple to do to access. I recently found what I hoped for before you know it in the least. Quite unusual. Is likely to appreciate it for those who add forums or something, web site theme . a tones way for your customer to communicate. Excellent task..

  6. Thanks for sharing excellent informations. Your web-site is very cool. I am impressed by the details that you’ve on this web site. It reveals how nicely you understand this subject. Bookmarked this website page, will come back for more articles. You, my friend, ROCK! I found simply the information I already searched everywhere and simply couldn’t come across. What an ideal website.

  7. Can I just say what a relief to search out somebody who actually knows what theyre talking about on the internet. You definitely know how one can deliver a difficulty to gentle and make it important. More individuals have to learn this and understand this aspect of the story. I cant believe youre not more fashionable because you positively have the gift.

  8. Excellent goods from you, man. I’ve understand your stuff previous to and you are just extremely excellent. I really like what you have acquired here, really like what you are stating and the way in which you say it. You make it enjoyable and you still care for to keep it smart. I cant wait to read far more from you. This is actually a terrific web site.

  9. Great – I should definitely pronounce, impressed with your web site. I had no trouble navigating through all the tabs and related information ended up being truly easy to do to access. I recently found what I hoped for before you know it in the least. Reasonably unusual. Is likely to appreciate it for those who add forums or anything, web site theme . a tones way for your client to communicate. Nice task.

  10. Nice post. I learn something more challenging on different blogs everyday. It will always be stimulating to read content from other writers and practice a little something from their store. I’d prefer to use some with the content on my blog whether you don’t mind. Natually I’ll give you a link on your web blog. Thanks for sharing.

  11. This is the fitting blog for anyone who wants to seek out out about this topic. You understand so much its nearly exhausting to argue with you (not that I actually would need…HaHa). You undoubtedly put a brand new spin on a topic thats been written about for years. Great stuff, simply nice!

  12. Howdy would you mind stating which blog platform you’re using? I’m going to start my own blog soon but I’m having a tough time making a decision between BlogEngine/Wordpress/B2evolution and Drupal. The reason I ask is because your design and style seems different then most blogs and I’m looking for something completely unique. P.S Apologies for getting off-topic but I had to ask!

  13. I have read several just right stuff here. Definitely value bookmarking for revisiting. I wonder how a lot attempt you put to make this kind of excellent informative site.

  14. Whats up very nice website!! Man .. Excellent .. Amazing .. I will bookmark your web site and take the feeds also…I am satisfied to seek out a lot of useful information right here in the submit, we want work out more techniques on this regard, thanks for sharing. . . . . .

  15. An fascinating dialogue is worth comment. I think that you need to write more on this matter, it might not be a taboo topic but generally people are not enough to talk on such topics. To the next. Cheers

  16. There are some interesting deadlines in this article but I don’t know if I see all of them middle to heart. There’s some validity however I will take maintain opinion till I look into it further. Good article , thanks and we wish more! Added to FeedBurner as nicely

  17. I know this if off topic but I’m looking into starting my own blog and was wondering what all is required to get setup? I’m assuming having a blog like yours would cost a pretty penny? I’m not very web savvy so I’m not 100 sure. Any suggestions or advice would be greatly appreciated. Thanks

  18. Hi there! This post couldn’t be written any better! Reading through this post reminds me of my previous room mate! He always kept talking about this. I will forward this article to him. Pretty sure he will have a good read. Thank you for sharing!

  19. Yesterday, while I was at work, my cousin stole my apple ipad and tested to see if it can survive a 30 foot drop, just so she can be a youtube sensation. My apple ipad is now destroyed and she has 83 views. I know this is totally off topic but I had to share it with someone!

  20. I am not sure where you’re getting your information, but good topic. I needs to spend some time learning more or understanding more. Thanks for excellent info I was looking for this information for my mission.

  21. I do accept as true with all the concepts you’ve introduced in your post. They’re really convincing and can certainly work. Nonetheless, the posts are very quick for starters. Could you please lengthen them a bit from next time? Thanks for the post.

  22. I have not checked in here for some time because I thought it was getting boring, but the last several posts are good quality so I guess I will add you back to my everyday bloglist. You deserve it my friend 🙂

  23. A powerful share, I just given this onto a colleague who was doing slightly evaluation on this. And he in truth purchased me breakfast because I discovered it for him.. smile. So let me reword that: Thnx for the deal with! But yeah Thnkx for spending the time to discuss this, I really feel strongly about it and love studying more on this topic. If doable, as you develop into expertise, would you mind updating your weblog with more details? It’s extremely helpful for me. Big thumb up for this weblog post!

  24. I have been surfing online more than 3 hours today yet I never found any interesting article like yours It is pretty worth enough for me In my opinion if all web owners and bloggers made good content as you did the web will be much more useful than ever before

  25. What i don’t understood is actually how you’re not actually a lot more well-appreciated than you might be right now. You’re so intelligent. You realize thus considerably in relation to this subject, produced me in my opinion believe it from numerous various angles. Its like women and men are not involved except it’s something to accomplish with Lady gaga! Your own stuffs excellent. At all times care for it up!

  26. Have you ever thought about publishing an ebook or guest authoring on other websites? I have a blog based upon on the same information you discuss and would really like to have you share some stories/information. I know my readers would value your work. If you’re even remotely interested, feel free to send me an email.

  27. An interesting discussion is value comment. I believe that you need to write more on this topic, it may not be a taboo subject however usually persons are not enough to speak on such topics. To the next. Cheers

  28. Hey there would you mind letting me know which webhost you’re using? I’ve loaded your blog in 3 different browsers and I must say this blog loads a lot faster then most. Can you recommend a good hosting provider at a fair price? Many thanks, I appreciate it!

  29. This blog is definitely rather handy since I’m at the moment creating an internet floral website – although I am only starting out therefore it’s really fairly small, nothing like this site. Can link to a few of the posts here as they are quite. Thanks much. Zoey Olsen

  30. Nice read, I just passed this onto a colleague who was doing a little research on that. And he actually bought me lunch since I found it for him smile Thus let me rephrase that: Thank you for lunch! “The capacity to care is what gives life its most deepest significance.” by Pablo Casals.

  31. Simply wish to say your article is as amazing The clearness in your post is just nice and i could assume youre an expert on this subject Well with your permission let me to grab your feed to keep updated with forthcoming post Thanks a million and please carry on the gratifying work

  32. Pアナザーゴッドハーデス ジャッジメント


    入金不要ボーナス最新カジノ

    プレイ中の雰囲気が楽しく、長時間楽しむことができます。快適な空間が魅力です。

    雷電(ピンク)

    https://www.pgslot-casino.com/article/136.html
    多彩なリーチ演出があり、どのタイミングで当たるかドキドキします。

    戦国パチスロ花の慶次これより我ら修羅に入る

    [url=https://sites.google.com/view/fist-of-the-north-/]k8 カジノ パチンコ
    [/url]
    ドラゴンが降りる

    パチスロ鉄拳4アルティメットデビルVer.

    戦姫絶唱シンフォギア

    S メイドインアビス

    https://www.k8pachinko.club/Articles/3015.html
    友人と一緒にプレイすることで、楽しさが倍増します。共に喜ぶ瞬間が嬉しい。

    CR真・北斗無双 Ver.319(2:1)

    https://www.k8pachinko.top/Articles/2958.html
    ボーナスゲームの演出が豪華で、楽しみが倍増します。特に大当たり時は圧巻。

    押忍!番長3

    https://casinos.town/bonus/konibet-prize-money-5440
    ボーナスゲームの演出が豪華で、楽しみが倍増します。特に大当たり時は圧巻。

  33. It¦s actually a great and helpful piece of information. I am happy that you simply shared this useful information with us. Please keep us up to date like this. Thank you for sharing.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button