Dubartii caalaa dhiiratu baakteeriyaa heddu baatee deema

Ajaa'iba baakteeriyaan wal qabatu

Wantoota dhibee fidan keessaa inni tokko baakteeriyaadha. Akka carraa ta’ee dhibeewwan baakteeriyaan dhufan hedduudhaaf dawaan argameera. Gama biraatiin Baakteeriyaan qaama keenya keessatti hedduminaan argama. Hedduun keenya jecha baakteeriyaa jedhamu wayta dhageenyu, waan dhukkuba namatti fidu qofa yaaduu eegalla. Garuu dubbiin akkasii miti. Akkuma baakteeriyaan dhukkuba namatti fidu jiru, baakteeriyaan fayyaa namaatiif akkaan barbaachisaa tahes ni jira. qabxiilee ajaa’ibaa kan baakteeriyaan wal qabaturraa muraasa dubbisaa

 

Baakteeriyaa aanan keessaa

Irra hedduun ilma namaa aannan itittuu ni jaalata. Aannan itittuun nuti jaalannu kun haala kamiin akka qophaayu beeytuu? Tarii namoonni baadiyatti dhalatanii guddatan akkaataa annan itittuun itti qophaayu ni beekan taha. Aannan eega elmamee booda qodaa annaaniitti naqamee guyyoota muraasaaf akka turu godhama. Aannan kun guyyoota muraasa booda itittutti jijjiirama. Wanti nuti beeynu hanganuma.

 

Mee gaafii takka isin gaafadha. Aannaan oowwaan mucha sa’aa keessaa elmamee qodaa annaniitti naqame sun, haala kamiin gara aannan itittuu jijiiramuu danda’e? namni gaafii kana deebisuu danda’u haalaan muraasa natti fakkaata. Aannan itittuun mi’aawaan kun baakteeriyaawwan kumaatamaan kan guuttame tahuu quba qabduu? Hin rifatinaa. Baakteeriyaan aannan itittuu keessatti argamu baakteeriyaa miidhaa qabuu miti. Aannan hin ititin albuuda Laaktoos jedhamu hedduminaan of keessaa qaba.

 

Baakteeriyaan aannan itichu kun albuuda kana nyaatee fixa. Wanti kun sa’aa dheeraa fudhata. Baakteeriyaan kun albuuda Laaktoos kana eega nyaatee fixee booda Albuuda biroo kan laaktoos asiid jedhamu maddisiisa. Laktoos asiid kun ammoo akka aannan ititu godha. Biyyoota guddatan keessatti aannan itittuun warshaa addaa keessatti qophaaya. Aannaan oowwaa eega danfisanii booda deebisanii qabbaneessan. Eega aannan qabbanaawee booda baakteeriyaa kana fidanii itti naqan. Sa’aa dheeraaf teempireecharri aannanii akka hin jijjiiramne godhanii itti qadaadan. Achi booda itittuu bareedaa namni hundi jaalatu magaalaaf dhiheessan.

 

Dubartii irraa dhiiratu baakteeriyaa heddummaata

Minjaalaa fi teessoon waajjira tokko keessatti argamu, mana fincaanii hammayyaa caala baakteeriyaa hedduu qaba. Dabalataan waajjirri dhiira hedduu qabu, waajjira dubartoota heddu qabu caala baakteriyaa hedduu qaba. Sababni kanaa dhiirri irra deddeebiidhaan qulqullina ofii eeguu dhabuu isaatii fi uffata tokkoon guyyaa hedduu hojjachuu isaati.

 

Dubartoonni heddu qulqullina isaanii haalaan eeggatan. Guyyatti yeroo heddu harkaafii fuula isaanii waan dhiqataniif, harki isaanii baakteeriyaa heddurraa qulqulluudha. Dhiirri ammoo nama muslimaa kan salaataaf guyyatti yeroo shan wudu’a godhu yoo tahe malee, dhiirri biroo baakteeriyaa heddu harkaafi uffata isaa irratti baatee deema.  Gama birootiin waantoota ilmi namaa haalaan itti fayyadamu keessaa kan baakteeriyaa heddu baadhatee taa’u telefoona harkaati. Baakteeriyaan Telefoona keenya irratti argamu, baakteeriyaa mana fincaanii hammayyaa irra jiru dacha 18n caala.

 

Baakteeriyaa Afaan keessaa

Lakkoofsi baakteeriyaa afaan keenya keessa jiruu lakkoofsa ilma namaa dachii tanarra jiruutiin walitti dhihaata. Qorannoon godhame akka mul’isutti, baakteeriyaan biiliyana 6 olii fi sanyiiwwan baakteeriyaa garagaraa 700 oltu afaan ilma namaa keessatti argama. Kanneen keessaa hedduun qaama keenyaaf faaydaa kan qabaniidha. Haa ta’u malee baakteeriyaan ilkaan keenyaa fi qaamota keenya kan biroo miidhanis hedduudha. Akka qorannoon godhame mul’isutti, baakteeriyaa hagana baay’atu keessaa kan miidhaa fidu baakteeriyaa 15 hanga 20 kan ta’uudha. Afaan haala gaariin qulqullaaye, ilkaan tokko irraa baakteeriyaa hanga 100,000 ta’u qaba. Inni hin qulqulloofne meeqa akka qabaatuu danda’u tilmaamuun nama hin dhibu.

 

Baakteeriyaa fi wal dhungachuu

Namni lama wayta waldhungatu baakteeriyaa miiliyana 10 hanga biiliyana tokkoo ta’u walii dabarsa. Jaalala ibsachuudhaaf namni karaa garagaraatiin wal dhungata. Kan boqoo ykn mallaa irra wal dhungatu, kan kallacha gubbaa dhungatu akkasumas inni afaan keessa wal dhungatus hedduudha. Walumaa galatti jiidha wayta wal dhungatan mudaturraa, namni tokko baakteeriyaa haga biiliyana tokkoo ta’u nama jaalatu saniif kenna. Kanaaf ogeeyyiin fayyaa yeroo heddu harka dhiqachuutti nama gorsan. Hedduun namaa wayta nyaata nyaatuuf qophaayu bishaan qofaan harka dhiqata. Eega nyaata geessee booda zayita ofirraa baasuuf saamunaan harka dhiqata. Silaa wanti irra gaariin nyaata dura saamumaan dhiqachuudha.

94 Comments

  1. “Hello there! I recently noticed that you’ve taken the time to visit my website, and I wanted to express my gratitude by returning the favor. As I’m constantly seeking ways to improve my site, I believe it would be beneficial to incorporate some of your ideas into my design and content strategy. Your input would be greatly appreciated, and I’m open to any suggestions you may have. Thank you for your interest, and I look forward to hearing from you!”

  2. “Hello there! I recently noticed that you’ve taken the time to visit my website, and I wanted to express my heartfelt gratitude for your interest. Your support means a lot to me. In return, I would like to extend my support by visiting your website as well.

  3. You’re welcome! I appreciate your willingness to engage further. If you have any specific questions or topics you’d like to delve into, feel free to share them. Whether it’s about recent developments in technology, intriguing scientific discoveries, captivating literature, or anything else on your mind, I’m here to provide insights and assistance. Simply let me know how I can help, and I’ll be happy to assist you further!

  4. You’re welcome! I appreciate your willingness to engage further. If you have any specific questions or topics you’d like to delve into, feel free to share them. Whether it’s about recent developments in technology, intriguing scientific discoveries, captivating literature, or anything else on your mind, I’m here to provide insights and assistance. Simply let me know how I can help, and I’ll be happy to assist you further!

  5. Your blog is a true hidden gem on the internet. Your thoughtful analysis and in-depth commentary set you apart from the crowd. Keep up the excellent work!

  6. Профессиональный сервисный центр по ремонту сотовых телефонов, смартфонов и мобильных устройств.
    Мы предлагаем: где отремонтировать телефон
    Наши мастера оперативно устранят неисправности вашего устройства в сервисе или с выездом на дом!

  7. Simply wish to say your article is as amazing The clearness in your post is just nice and i could assume youre an expert on this subject Well with your permission let me to grab your feed to keep updated with forthcoming post Thanks a million and please carry on the gratifying work

  8. API 5L Pipes in Iraq Our API 5L pipes at Elite Pipe Factory are designed for the oil and gas industry, offering superior strength and reliability for demanding applications. These pipes adhere to the highest industry standards, ensuring they perform well in various environments. Elite Pipe Factory is proud to be one of the best and most dependable manufacturers in Iraq, providing API 5L pipes that support critical energy infrastructure. Discover our API 5L pipe offerings at elitepipeiraq.com.

  9. Профессиональный сервисный центр по ремонту бытовой техники с выездом на дом.
    Мы предлагаем: сервис центры бытовой техники москва
    Наши мастера оперативно устранят неисправности вашего устройства в сервисе или с выездом на дом!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Related Articles

Back to top button